Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa barattoota kuma 3 fi 500 ol eebbisiisa jira

Finfiinnee, Onkololeessa 27, 2014 (FBC)- Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa barattoota ogummaa garaagaraatin barsiisaa ture kuma 3 fi 500 ol  eebbisiisa jira.

Yuunvarsiitichi barattoota sagantaa digrii jalqabaa fi digrii 2ffaan muummee garaagaraan barasiisaa ture kuma 3 fi 550  eebbisiisaa jiraachuu  Daayreekterri Hariiroo addunyaa fi Qunnamtii Ummataa Yuunvarsiitichaa obbo Dachaasaa Gaanfureen ibsaniiru.

Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa bara 1999 kan hundeeffame yoo ta’u, bara kana marsaa 10ffaaf barattoota sagantaa idilee fi idilee alaan ogummaa garaagaraan barsiisaa ture eebbisiisaa jiraachuu obbo Dachaasan himaniiru.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.