Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa barattoota kuma 3 fi 500 ol eebbisiisa jira

Finfiinnee, Onkololeessa 27, 2014 (FBC)- Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa barattoota ogummaa garaagaraatin barsiisaa ture kuma 3 fi 500 ol  eebbisiisa jira.

Yuunvarsiitichi barattoota sagantaa digrii jalqabaa fi digrii 2ffaan muummee garaagaraan barasiisaa ture kuma 3 fi 550  eebbisiisaa jira.

Sagantaa eebbaa kanaratti preezdaantiin yuunvarsiitii Dirree Dawaa Dooktar Ubaa Adam, barattoonni ogummaa barataniin rakkoo biyyi keenya keessa seente keessaa baasuuf cimanii hojjechuu akka qaban himaniiru.

Waajjira Muummee Ministeeraatti ministira giddugalaa dimookiraasii kan ta’an obbo Zaadig Abrahaa argamuun barattootaaf ergaa dabarsaniin wal amanuudhaan

biyya keenya Ityoophiyaa rakkoo ishii muudate keessaa baasuuf hojjechuu qabdan jedhaniiru.

Bara dhufuu eegalee barsiisota yuunvarsiitichaa hojii isaaniin tokkoffaa bahaan qarshii miiliyoona tokko akka badhaasu obbo Zaadig Abrahaa ibsaniiru.

Yuunvarsiitiin Dirre Dawaa marsaa 13ffaaf barattoota kan eebbisiise yoo ta’u, barattoonni eebbifamanis miira jaalala biyyaa fi itti gaafatamummaan biyya isaanii tajaajiluu akka qaban

himameera.

Kantiibaan bulchiinsa Dirre Dawaa obbo Kadir Juhaar gama isaaniin eebbi kun yeroo juuntaan lubbu lammiilee nagaa ajjeesaa fi qabeenya saamaa jirutti raawwatamuun adda taasisa jechuun

hunduu lammiilee sababa garee ABUT ‘n buqqaa’an aadaa Ityoophiyaanummaan deeggeruu fi yaadachuu qabdu jedhaniiru.

Biqilaa Alamuutu gabaase

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.