Fana: At a Speed of Life!

Jilli preezdaant Shimallis Abdiisaan durfamu sagantaa ‘Oro Fresh’ ifatti eegachiise

Finfiinnee, Onkololeessa 27, 2014 (FBC)- Jilli preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaan durfamu oomisha Kuduraa fi Muduraa qonnaan bulaarraa kallattiin itti fayyadamtootaaf dhiyeessu ‘Oro Fresh’ ifatti hojii eegalchiiseera.

Obbo Shimallis Abdiisaa Jijjirama bu’uraa fiduuf Qonnaan bulaa baayyinaafi qulqullinaan oomisha alatti erguun akka fayyadamuuf hojjatamaa jira jedhan.

Ta’us Sirni daldalaa keenya kana eeyyamaa hin turre, Oomishaanifi fayyadamaan miidhamaa turan jedhan. kanaafis sirnicha sirreessuuf ka’umsa baajata mootummaan Yuuniyanii, waldaalee bu’uuraa fi qonnaan bultoota adda duree hirmaachisuun bakka daldalaa mijessuun hojiitti galamee jedhan.

Dhimma kanaafis waldaaleen bu’uuraa magaaloota hedduu keessa jirtan Aksiyoona kanatti dabalamuun gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessan. Baayyinaanii fi qulqullinnaan oomishuun fayyadamtoota bira gahuun akka fayyadaman gochuuf baga gara injifannoo kanatti dhufatan injifannoo argattanis tikfadhaa jedhan.

Sadarkaa Preezdaantii Itti Aanaatti qindeessaan kilaastara Misooma Baadiyyaa Obbo Abdurhaamaan Abadallaa, Waldaan Aksiyona Oro-Fresh’ qonnaan bultoonnii gatii hanga dadhabbiifi ifaajii isaanii hin argataniif shooraa olaanaa qaba jedhaniiru.

Mootummaan erga Filannoon gaggeeffamee as dhimmi dursa kennee irratti hojjachuuf karoorfate qaala’iinsa gabaa tasgabeessuu yoo ta’u kanaafis Waldaan Aksiiyoona Oro-Freesh Yuuniiyanoota waldaalee bu’uuraafi qonnaan bultoota adda duree hirmaachisuun hundeessee jedhan.

Kunis walitti hidhamiinsa gabaa kan uumeefi ittifayyadama qonnaan bulaafi fayyadamtootaa saffisuufi salphisuuf gahee qaba jedhan.

Cancala gabaa dheeraa hambisuun oomish qulqulluu dhiyeessuuf gargaara.

Oomish Abukaadoo alatti erginuufi oomiisha alaa galu hambisuuf waldaan kun gahee olaanaa qaba jedhan.

Carraa hojii uumuun gahee olaanaa waan qabuuf har’a sirna jalqabsiisuun alatti, magaaloota Oromiyaa hundaafi Kutaalee Magaalaa Finfinnee hunda kessatti banuun kan hojjatamu ta’a jedhan.

Maddi:-OBN

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.