Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti oomisha Ruuzii walitti qabuun eegalame

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2014 (FBC) –Godina Jimmaatti oomisha Ruuzii lafa hektaara kuma 2 olirratti misoomee ture walitti qabuun eegalameera.

Oomishni kun Qonnaan bultoota, dargaggoota waldaan gurmaa’anii fi abbootii qabeenyaan kan misoome yoo ta’u, hojiin oomisha walitti qabuu aanaa Shabeetti hojjetamaa jiru hoggantoota mootummaa godinichaatiin daawwatameera.

Oomisha walitti qabamaa jiru kanarraa callaa kuntaalli kumni 84 kan eeggamu ta’uu ragaan Waajjira Qonnaa Godina Jimmaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.