Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsaa hanga Addaatti wareegama nurraa eegamu biyya keenyaaf kaffaluuf qophiidha- Paartilee Morkattootaa

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2014 (FBC) – Deeggarsaa hanga Addaatti wareegama irraa eegamu Ityoophiyaaf kaffaluuf qophii ta’uu Paartileen Morkattootaa beeksisaniiru.

Paartileen morkattootaa waltajjii marii sochii duula birmadummaarratti eegalan qindeessuuf dandeessisu gaggeessuu isaanii ibsameera.

Hundi keenyi biyya tokko qabnu weerara diinarraa eeguuf itti gaafatamummaa waloo qabna jedhan hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Finfinnee obbo Mallas Alamu.

Tokkummaan dhaabannee falmachuun injifannoo seena qabeessa galmeessisuun ala filannoo biraa hin qabnu jedhaniiru.

Diina Ityoophiyaanota hundaa kan ta’e garee shororkeessaa ABUT qofa osoo hin taane dhala namaa fi guddina hawaasaaf gufuu kan ta’e yaada ana malee jedhu balleessuu qabna jedhan.

Bulchiinsi biyya keenyaa balaarra akka hin buuneef biyya keenyaaf waliin hiriirree tokkummaa ishee cimsuu qabna jedhaniiru.

Biyya diinarraa eeguun itti gaafatamummaa mootummaa qofa osoo hin taane kan lammii hundaa ta’uu hoggantoonni Paartilee morkattootaa ibsaniiru.

Waraanni Ityoophiyaarratti baname waraana uummatarratti baname ta’uu fi waraana kana akka uummataatti ijaaramuun qolachuu qabna jedhaniiru.

Aangoon filannoon malee waraanaan kan hin dhufne ta’uu fi humna shororkeessaa biyya balleessuuf ka’e humna keenya walitti gurmeessuun duuluu qabna jechuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii Magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.