Fana: At a Speed of Life!

Damee barnootaa talaallii Covid -19 waliin ga’uuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2014 (FBC) – Damee barnootaa talaallii Covid -19 waliin ga’uuf haala dandeessisuurratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’atameera.

Weerara vaayrasii koroonaa hir’isuuf barsiisootaa fi qaamolee damee barnootarratti hojjetan talaallii Coviv -19 qaqqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksiise.

Hawaasa manneen barnootaa fi Yuunvarsiitii talaallicha qaqqabsiisuuf qophiin barbaachisu xumuramuu ibsameera.

Barsiisota Manneen barnoota mootummaa fi dhuunfaa keessatti hojjetan duulan talaaluuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Hubannoo dogongoraa hawaasni manneen barnootaa Covid -19 irratti qabu fooyyeessuuf kan hojjetamu ta’uus ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.