Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti guyyoota 5 keessatti namni dhuunfaan meeshaa waraanaa qabu akka galmeessisu waamichi dhiyaate

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2014 (FBC) – Naannoo Kibbaatti har’aa eegalee guyyoota 5 keessatti namni dhuunfaan meeshaa waraanaa hidhate kamiiyyuu akka galmeessisu waamichi dhiyaateera.

Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Naannoo Kibbaa haala waqtaawaarratti ibsa laateera.

Weerara biyyarratti baname qolachuuf akka naannoo Kibbaatti hojiileen hedduun hojjetamaa turuu Hoggantuun Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Naannoo Kibbaa Aadde Sannaayit Salamoon ibsaniiru.

Miidhaa gareen shororkeessaa ABUT qaqqabsiisaa jiru qolachuuf labsii yeroo ariifachiisaa labsame hojiirra oolchuuf qoodni hoggansaa maal ta’uu akka qabu ilaalchsiee bal’inaan mariin gaggeeffamuu Aadde Sannaayit ibsaniiru.

Danbalii ummataa uumuun hawaasni Raayyaa Ittisaa fi Humna addaa cinaa akka dhaabbatu hojjetamuu akka qabu eeraniiru.

Hoggansi duula birmadummaa ga’umsaan akka hogganu marii bal’aan taasiifamuu himaniiru.

Hawaasni naannoo isaa dammaqinaan akka eeggatu, sochii lootee seentootaa hordofuu haala danda’uun gurmeessuu fi hogganuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Qaamni meeshaa waraanaa hidha kamiiyyuu har’aa eegalee guyyoota 5 keessatti buufata Poolisiin dhiyeenya isaatti argamutti qaamaan argamuun galmeessisuu akka qabu dhaamaniiru.

Yeroo kanatti waraqaa eenyummaa haaraa laachuu fi haaromsuun dhorkaa ta’uu ibsaniiru.

Waraqaa eenyummaa laachuun dirqama ta’ee yoo argame qaamni dhimmi ilaallatu ilaalee akka laatamu murtoo itti laachuun qofa ta’uu kaasaniiru.

Aadde Sannaayit Ummanni naannichaa hundi awwaalcha garee shororkeessaa ABUT ariifachiisuuf duula birmadummaa eegalame akka cimsan waamicha dhiyeessuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Naannoo Kibbaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.