Fana: At a Speed of Life!

Warra waggaa 27 guutuu ilmaan keenya dhiiga xuuxan ni balaalleffanna – Obbo Araarsoo Biqilaa 

Finfinnee, Onkoleessa 26, 2014 (FBC)  -Seenaa darbeerraa barachuun warra waggaa 27 guutuu ilmaan keenya dhiiga xuuxan ni balaalleffanna jedhan Hogganaan Biiroo Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa Oromiyaa fi Dura Taa’aan ABO Araarsoo Biqilaa.

Dhiiga qarree fi qerroo Oromootiin warra baankii fi Taankii qabatanii dhaadatan Maqaleetti galchine, Barabaraan gabroomuurra qaama kaleessa ofirraa ariinee ammas ofirraa bakkatti galchina jedhan.

Warrii kaleessa ilmaan Oromoo miidhee, warra harkaa waliin dhaabbatan Oromoof yaadaniitu yoo jettan dogongortanii jirtu,kana hubadhaa jedhan Obbo Araarsoo Biqilaa.

Amaara malee Oromoo hin tuqnuu jechaa gidduu galeessatti dhufuuf yaaluun xaafii nuuf haamuufi miti, Bunas nuufguuruufi miti, karaa harka duubaan nu qaluufi.

Nutii Goota, hayyuu beekaa fi dandeetti bulchiinsaa qabna, koottaa nubulchaa hin jenne, hin kadhannee maaliif nutti gamuu kana qalbeeffadhaa.

Rakkoo keessoo keenyaa mariin furanna malee qaama Warqee keenyaa fi Buna Keenyarratti abbaa ta’uuf deemaniin fala hin barbaannus jedhan.

Biyyaa fi Mootummaa dhabuun taphaa miti carraa akkasii biyyoota dhaban ilaaluun irraa barachuu, tokkummaan falmachuu, ofirraa qolachuu qabna jechuun dhaamuu isaanii OBN gabaaseera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.