Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee, Onkoleessa 26, 2014 (FBC)- Jiraattoonni Magaalaa Galaaniifi Naannoo ishee Garee shoroorkeessaa ABUT balaalefachuufi Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaruun hiriira bahaniiru.

Hiriirtoonni kunnee  Wayyaaneen Diina Itoophiyaanota Hundaati!,

Wayyaanee Dhabamsiisuun Wabii Hiree Ummata Itoophiyaa Mirkaneessuudha!, Hin Irraanfadhu; Wayyaaneen Diina Qeerroofi Qarree Oromooti!, Nan Duula; Birmadummaa Itoophiyaa Nan Kabachiisa!, Awwaala Gantootaarratti Badhaadhina Itoophiyaa ni Mirkaneessina!, Raayyaa Ittisa Biyyaafi Humna Nageenyaa Keenya Deeggaruuf Wanti Qusannu hin Jiru!,Aggaammii Diinota Keessaafi Alaa Tokkummaan ni Qolanna!,

Gaachanni Sirnaa Wabii Birmadummaa Biyyaati!, Gochoota Gara-jabinaa Wayyaaneefi Shanee ni Balaaleffanna!, Maqaa Gargaarsa Namoomaatiin Birmadummaa Biyyaa Dabarsinee hin Kenninu!,Harka Tokkoon Hojii Misoomaaf, Harka Kaaniin Diina Dhabamsiisuuf Nan Hojjedha!, Lukkuu Hanga Lubbuutti Raayyaa Ittisaa ni Deeggarra!, Osoo Ani  Jiruu Wayyaaneen Lamuu Gateettii Ummataatti Ol hin Deebitu! dhaadannoowwan jedhu dhageessisaa jiraachuu himameera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.