Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoota naannoo Somaaleef haala yeroo biyyaalessaa irratti ibsi laatame

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2014 (FBC) – Hoggantoota naannoo Somaaleef haala yeroo biyyaalessaa irratti ibsi laatamuu ibsameera.

Preezdaantiin naannichaa obbo Musxafee Mahaammad, Itti aanaan Preezdaantiin naannichaa obbo Ibraahim Usmaanii fi hoogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Somaalee Injinar Mahaammad Shaalee dhimma haala yeroo biyyaalessaa fi naannoorratti hooggantoota naannichaaf ibsa kennaniiru.

Ibsichaan birmadummaa biyyaa kabachiisuu fi biyya baraaruuf hooggantoonni naannichaa uummata waliin akka hojjetan ibsameera.

Keessumaa nageenya uummataa booressuuf yaaliiwwan humnoota dhokatoon  taasifaman hooggansi naannichaa uummata waliin ta’uun ittisuu akka qabu irratti mari’atameera.

Uummanni nageenya isaa akka jabeeffatu Preezdaantiin naannichaa waamicha tasisaniiru.

Hojii guyya guyyaa isaanii hojjechaa yeroo kana waliin dabarsuun barbaachisaa ta’uu ibsuu isaanii ragaan miidiyaalee naannichaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.