Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa naannoo Hararii dhimoota waqtaawaarratti mari’ate

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2014 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa naannoo Hararii hoggantoota mootummaa naannichaa waliin dhimoota waqtaawaarratti mari’ateera.

Hoggantoonni hundi hawaasa waliin ta’uun murannoo olaanoon hojjechuu akka qaban Preezdaantiin naannoo Hararii obbo Oordiin Badiriin ibsaniiru.

Haleellaan gareen shororkeessaa ABUT yeroo ammaa raawwachaa jiru Ityoophiyaa fi ummata irra deebiin salphisuu ta’uu kaasaniiru.

Garichi tattaaffii du’aa fi jireenyaa taasiisaa jiraachuu obbo Oordiin Badiriin ibsaniiru.

Balaa biyyattiirratti aggaamame kana qolchuuf hoggansi hundi qindoominaan, waldubbisuu fi tokkummaa uumuun Ityoophiyaa bittinaa’uurraa baraaruu akka qaban hubachiisaniiru.

Abjuu garichi Ityoophiyaa biyya abbaa hin qabne taasiisuuf yaalaa jiru qolachuun dirqama ta’uu ibsaniiru.

Jiraattoonni naannichaa hundi Raayyaa Ittisaa fi qaamolee nageenyaa cinaa dhaabbachuun dirqama isaanii akka ba’an gaafataniiru.

Hoggansi labsii yeroo ariifachiisaa birmadummaa biyyaa tiksuuf ba’e raawwachiisuu fi raawwachuuf dirqama kan qaban ta’uu ibsuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa naannoo Harariirraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.