Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa labsii yeroo ariifachiisaa dhiyaateef raggaasise

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2014 (FBC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa labsii yeroo ariifachisaa baatiwwan 6’f hojiirra ooluu qorachuun raggaasiseera.

Manni marichaa walga’ii idilee 1ffaa waggaa 1ffaa har’a gaggeesseen labsii yeroo ariifachiisa Mana Maree Minstirootaarra dhiyaateef qorachuu raggaasiseera.

Akkaataa Keeyyata 2 muraa ‘A’ jalatti tumameen ammoo labsiin yeroo ariifachiisaa labsame sa’aatii 48 keessatti Mana Maree Bakka Bu’oota ummataaf dhiyaachuu akka qabu ibsameera.

Bu’uuruma kanaan Labsiin yeroo ariifachiisaa birmadummaa biyyaa baraaruuf Mana Maree Ministirootaan qophaa’e dhiyaatee manni marichaa raggaasiseera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.