Fana: At a Speed of Life!

Irree gamtoomee fi yaada tokkoomeen diinota keenya awwaalla! – BMNO

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Mootummaa naannoo Oromiyaa haala yeroo ilaalchisee Ibsa kenneerra.

Irree gamtoomeefi yaada tokkoomeen diinota keenya awwaalla! jedha ibsichi.

Humni shororkeessaa ABUT gammoojjii Daddabit keessatti shiraan dhalatee jibbaan guddate.

Gareen shoororkeessaa kun uumama irraa kaasee hanga har’aatti faallaa dantaa ummataafi biyya keenyaa dhaabachuun beekama.

Waggoota 27 aangoo mootummaa dhuunfate ture keessatti naqarsaa ta’ee biyya qorqaa, gantuu ta’ee dantaa biyyaa gurguraa ture.

Ityoophiyaa olaantummaan bituufi diiguun kaayyoosaa ganamaati.

Kaayyoo jal’ataa qabatee ka’e kana galmaan ga’uuf diinota biyya keessaa fi alaa hunda waliin hiriiruun hojjetaa ture. Ammas hojjet jira.

Humni kun Ityoophiyaa qoqqoodee bituu akka tarsiimootti, olola sobaa fi summii jibbinsaa facaasuu akka tooftaatti gargaaramee waggoottan 27 aangoorra ture.

Sarbiinsa mirgoota namoomaa fi saamicha qabeenyaa gareen kun raawwate himamee hin dhumu.

Biyya quucarsee, cunqursaa fi dararaa dorgomaa hin qabne ummata keenya irratti raawwate.

Keessumaa ilmaan Oromoo mirga abbaa biyyummaa ummata Oromoof falmanii fi gaaffii fayyadamummaa haqa qabeessaa gaafatan hunda gara-jabina guddaan kolaasaa, jumlaan ajjeessaa, biyyaa baasaa fi mana hidhaatti dararaa ture.

Qabsoo hadhaawaa ummanni Oromoo fi sabaafi sab lammoonni Ityoophiyaa taasisaniin gareen shororkeessaa ABUT injifatamee Finfinnee buqqa’ee Maqalee maadheffachuuf dirqame.
Humni shororkeessaa ABUT dhaadannoo ‘‘Ityoophiyaa ani hin hogganne haa diigamtu’’ jedhu qajeeltoo godhate gantummaa seenaa keessatti dhiifama hin qabne Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Kaabaa irratti raawwate.

Kaayyoo biyya diiguu ganama qabatee ka’e ifatti labsee Ityoophiyaa waraane.

Gocha gantummaa ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti raawwate ummata Ityoophiyaa daangaa hanga daangaa, keessaa fi alaan xiiqiin sochoose. Qaaxxee birmadummaa biyyasaarratti aggaamame tokkummaan qolate.

Haa ta’u malee gargaarsa namoomaa akka meeshaa siyaasaatti, ummata Tigraay ammoo akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun kan beekamu humni shororkeessaa ABUT miidiyaalee idil-addunyaa farra biyya keenyaa ta’an fayyadamuun hawaasa idil-addunyaa olola sobaan gurra duuche, wacee waccisise.

Biyyoonni harka lafa jalaan humna shororkeessaa kana gargaaran dhugaa mootummaa Ityoophiyaa dhiisanii soba gareen shororkeessaa ABUT oomishu balbaloomsu, badii inni raawwatu akka hin arginetti bira darbu.

Dhiibbaa hin mallee mootummaa Ityoophiyaa irratti uumuun harka micciruuf yaalaa turan.

Yaaliin kun tokkummaa ummanni Ityoophiyaa daangaa hanga daangaatti agarsiiseen fashala’eera.

Gareen shororkeessaa ABUT farda diinota Ityoophiyaa ta’uun beekamu, humna shororkeessaa qacaramaa Shanee waliin ta’uun biyya keenya diiguuf humna qabu hunda hiriirsee bobbaasuun ijibbaata wixxifachuu irratti argama.

Haleellaa humni waraanaa lafoofi qilleensaa Ityoophiyaa irratti fudhachaa jiru olola sobaa facaasuun dandamachuuf dhama’aa jira.
Kisaaraa guddaa humna namaafi qabeenyaa irra gahe dandamachuuf ololawwan burjaajii uuman oomishuun gadhiisuu irratti argama.

Kana waan ta’eef, ummanni Oromoofi sabaaf sablammoonni naannoo keenya keessa jiraattan olola sobaa humni shoororkeessaa ABUT gadhiisuun osoo hin burjaaja’in tokkummaa keessan cimsittanii nageenya qe’ee keessanii gurmooftanii akka eeggatan, tarkaanfii mootummaan humnoota shororkeessaa ABUT fi Shanee barbadeessuuf fudhataa jiru akka tumsitan, humnaafi qabeenya qabdaniin Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa akka deeggartan, Mootummaan Naannoo Oromiyaa irra deebiin waamichasaa dabarsa.

Irree gamtoomeefi yaada tokkoomeen awwaala diina gadi fageessina. Badhaadhina biyya keenyaas ni milkeessina.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Onkoloolessa, 2014

Finfinnee

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.