Fana: At a Speed of Life!

Magaalaan Finfinneen tajaajila waraqaa eenyumma haaraa laachuu adda kute

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee nageenya ummataaf jecha guyyaa har’aa eegalee tajaajila waraqaa eenyummaa haaraa laachuu adda kutuu beeksiise.
Balaa birmadummaa biyyaarratti aggaamame ittisuuf Onkololeessa 23, 2014 eegalee labsiin yeroo ariifachiisaa labsamuun kan yaadatamuudha.
Akkaataa labsichaan jiraattoonni magaalichaa waraqaa eenyummaa, eeyyama konkolaachisummaa, Paaspoortii yookaa waraqaa eenyummaa kanneen waliin walgitan osoo hin qabaatiin socho’uun dhorkaa ta’uu ibsameera.
Yaa ta’uutii jiraattoonni sababoota garaagaraan waraqaa eenyummaa hin qabne qaamni dhimmi ilaallatu haala addaan ilaalee erga qulqulleessee booda waraqaan eenyummaa yeroo kan laatamu ta’uu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesirraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.