Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Fitsum Asaffaan itti gaafatamtoota Ejansii Misoomaa fi Tumsaa Turkii waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2014 (FBC) – Ministirri ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan itti gaafatamtoota Ejansii Misoomaa fi Tumsaa Turkii waliin mari’ataniiru.
Dooktar Fitsum dhimmoota deeggarsa misoomaa ilaalchisee itti gaafatamoota kanneen waliin bal’inaan mari’achuu ibsameera.
Karoorri misoomaa Ityoophiyaa dhimmoota dursa laatuuf ilaalchisee itti gaafatamtoota Ejansichaaf ibsa laataniiru.
Turki deeggartuu misoomaa Ityoophiyaa ta’uu kaasaniiru.
Keessattuu Turkii ijaarsa dandeetti, barnootaa fi dhimmoota barnoota walqabatanirratti deeggarsi Turki taasiifte galateeffataniiru.
Kun akkuma jirutti ta’ee hariiroo biyyoota lamaanii yeroo ammaa jiru caalmaatti cimsuuf Daldalaa fi Invastimantiirratti hojjetamuu akka qabu kaasaniiru.
Hariiroo biyyoota lamaanii fi kallattii yeroo itti aanurratti mari’achuu ibsameera.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.