Fana: At a Speed of Life!

Injifannoo Ityoophiyaatiif halkanii fi guyyaa yeroo itti hojjannuudha –Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2014 (FBC) – Injifannoo Ityoophiyaatiif halkanii fi guyyaa yeroo itti hojjannuudha Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee.
Qaaliiwwan jiraattota magaalaa keenyaa yeroon yeroo qormaata akka biyyaatti nu qunname kana ce’uuf tokkummaa fi kutannoon itti dhaabbachuu qabnuudha jechuun ibsan.
Moo’achuudhaaf furtuun harka keenya jira. Injifannoo Ityoophiyaatiif halkanii fi guyyaa yeroo itti hojjannuudha jedhan.
Kunis dargaggoonni baay’inaan raayyaa ittisa biyyaatti makamuun, Dubartootaa fi hoggantoonni akkasumas jiraattonni magaalaa hundi waan hundaa dursa nageenyaaf bakka kennuun boru irraa eegalee bilookii hundaa fi gandoota hundatti gurmoofnee oduu fi jettee irraa of fageessinee naannoo keenya dammaqinaan eeguun poolisii naannoo keenyaa fi eegdota nageenyaa ta’uu keenya kan mirkaneessinu yaa ta’u jechuun ergaa dhaabaniiru.
Qajeelfamootaa fi labsiiwwan mootummaan nageenya lammiilee tiksuuf baasu kabajnee socho’uun ,humna nageenyaa maddii dhaabbachuun,guyyaa lama keessatti meeshaa waraanaa harka keenyatti argamu kamuu waajjira poolisii naannoo keenyatti argamutti galmeessuun naannoo keenyaa dammaqinaan eeguun harka hin kennuu Ityoophiyummaa akka muul’isnu waamicha koon dabarsa jedhan Fuula Feesbuukii isaaniin.
Kuni osoo hin taane hafee meeshaan argame ni fudhatama, yakkaanis ni gaafachiisa.
Carraa kanaan isiniif mirkaneessuu wanti barbaadu yoo jiraate qajeelfamoota kabajnee kabachisiifnee tokko yoo taane rakkoo amma nu qunname kana waca tokko malee yeroo gabaabaa keessatti akka ceenuu fi nageenyaa waaraa magaalaa keenyaa mirkaneessuu akka dandeenyuudha.
Jabaadhaa lolicha shakkii tokko malee Ityoophiyaan ni mooti. Tokkumman keessan ni cima. Juntaan ni awwaalama.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.