Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf qaamni hundi qooda isaa ba’uu qaba – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf tokkoon tokkoo lammiilee Ityoophiyaa anis raayyaa Ittisaati jechuun qooda isaa ba’uu akka qabu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.
Onkololeessi 24 guyyaa Gareen Shororkeessaa ABUT Raayyaa Ittisaa Biyyaa ganuun duubaan waraane guyyaa hin dagatamneedha jedhan.
Gareen Shororkeessaa ABUT diina Ityoophiyaa diiguuf dhama’aa jiruudha jedhan sirna yaadannoo Onkololeessa 24 waggaa 1ffaarratti haasawa taasiisaniin.
Gareen shororkeessaa ABUT Ityoophiyaa salphisuuf garee dhama’aa jiru waan ta’eef hundi keenya tokko ta’uun qolachuu qabna jechuun dhaamaniiru.
Waraana baname kana Ityoophiyaan akka Injifattu shakkii hin qabu jechuun ibsaniiru.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.