Fana: At a Speed of Life!

Kabajni gootoota Ityoophiyaaf jecha wareegamaniif yaa ta’u – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2014 (FBC) –Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Onkololeessa 24, guyyaa gootoonni Raayyaa Ittisaa Ajeja Kaabaa itti wareegaman sababeeffachuun ergaa dabarsaniiru.
Kabajni gootoota Ityoophiyaaf jecha wareegamaniif yaa ta’u jedhan.
Ityoophiyaan biyya gootootaati jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad fuula fees buukii isaaniin ergaa dabarsaniin.
Ijjoolleen ishee onneen daangaa ishee kan ijaaran,gatii kaaffaluun kabaja kan laataniif, wareegama lakkaawwamee hin dhumneen biyya sodaattamtee fi kabajamtee jiraattudha jedhan.
Onkololeessa 24 yakkii fi gantummaan gootoota isheerratti raawwatame seenaa keessatti goonkuma kan dagatamuumiti jedhan.
Tokkoon tokkoon keenya dirqama gootummaa qabna.
Gootoota nuuf jedhanii Lafee isaanii caccabsaniin har’a geenye jirra jedhan.
Ani lammii koo dura jechuun gootoota dhiiga isaanii dhangalaasanii fi foon isaanii allaattiif laataniin har’a dhaabbanneerra jedhan.
Raayyaan Ittisaa Ajeja Kaabaa sabaaf sablammoota Ityoophiyaa hunda keessaa walitti babba’uun kan gurmaa’eedha jedhan.
Waggoota 20’f maatii koo, qa’ee koo osoo hin jedhin bineensa bosonaa waliin buluun daangaa eegaa kan tureedha.
Raayyichi naannoo Tigraayii fi ummata naannichaaf gaarummaa malee hamaa ta’ee hin beeku.
Diina ittisaa, oomisha walitti qabaa,dhimma hawaasummarraatti hirmaachaa kan tureedha.
Goota dhiigaa fi dafqa isaan wareegama kaffalaa ture,gareen shororkeessaa ABUT gantummaa irratti raawwate jedhan.
Diinni alaa Ityoophiyaa weeraruuf dhufe yakka ABUT raawwate hin raawwanne.
Waraanni gaariidha jedhamuu baatuus garaa jabinni daangaa qaba.
Yakki Onkololeessa 24 Ajeja Kaabaarratti raawwate yakka cimaa Ityoophiyaarratti raawwateedha.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.