Fana: At a Speed of Life!

‘Lammii’ koo jedhee osoo tajaajiluu gara jabeeyyotaan akka hoolatti kan qalame Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa yoomiyyuu hin irraanfannu-Aadde Adaanach 

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2014 (FBC)- ‘Lammii’ koo jedhee osoo tajaajiluu gara jabeeyyotaan akka hoolatti kan qalame, Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajajaa Kaabaa yoomiyyuu hin irraanfannu jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen.

Aadde Adaanach fuula Feesbuukii isaaniin akka ibsanitti, waggoota 20f ‘Lammii’ koo jedhee boolla Sardiidaa keessatti lubbuu isaa, maatii isaa fi jireenya isaa kennee osoo tajaajiluu, warra tajaajilamuun bakka ciiseetti kan qalame, kan ganame, duuba isaatiin kan waraaname, kabajni isaa akka mulqamu kan taasifame, reeffa isaa irratti dibbeen kan rukutame sana Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajajaa Kaabaa yoomiyyuu hin irraanfannu jedhan.

Kabaja Ityoophiyaa bara baraatiif wareegama qaalii isaan taasisan yoomiyyuu ittiin dhugaa baana. Dhiiga keessaniin warra dhiichisan, warra reeffa keessan irratti dibbee rukutan, gantootaa fi warra harma haadha isaanii ciniinan, gara jabeeyyota ni awwaallas jedhaniiru.

Wareegamni isin taasistan, seenaa gootota Ityoophiyaa keessatti iddoo kabajaa fi guddaa ta’ee bara baraan ni jiraataan jedhan.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii

https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.