Ityoophiyaa badhaate ijaaruuf dhaloonni barate murteessaadha-Preezdaant Shimallis
Finfinnee, Onkololeessa 23, 2014 (FBC)-Jilli preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obboo Shimallis Abdiisaa fi Ityoopiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Zaahoo Zhiyuuwaan durfamu Mana Barumsaa Xaddee Sadarkaa 1ffaa daawwateera.
Jilichi kennaa meeshaalee barnootaa Imbaasii Chaayinaarraa argamee barattootaaf kenneera.
Biyyattin hiyyummaarraa gara badhaadhinaatti ce’uuf imallii jalqabdee akka milkaa’uuf humni barate murteessaa ta’uu kan himan Preezdaant Shimallis Abdiisaan kana galmaan ga’uuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan.
Hojiiwwan hojjetaman akka milkaa’aaniif kutaan hawaasaa hundi gahee isaa ba’achuu akka qabu kaasuun barattoonnis cimanii barachuun biyya isaanii akka jijjiraniif dhaamaniiru.
Chaayinaan michuu Ityoophiyaa bara dheeraa ta’uu kan himan Ambasaaddarichi, gama isaaniitiin deeggarsi Chaayinaan damee barnootaa Ityoophiyaaf taasistuu cimee itti fufa jedhan.
Ergaa barattootaaf dabarsaniin biyya keessan jijjiruufis cimtanii barachuu qabdu jedhaniiru.
Yidnaqaachoo H/Maariyaamtu gabaase
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa
argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii
https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.