Fana: At a Speed of Life!

Waloon hojjechuun duudhaalee qabnutti fayyadamnee biyya keenya ni guddisna-Aadde Mufariyaat Kaamiil

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2014 (FBC)- Ministirri Ministeera Hojii fi Kalaqaa Aadde Mufariyaat Kaamiil Ityoophiyaanoonni waloon hojjechuun duudhaalee qabnutti fayyadamnee biyya keenya waliin guddisna jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Ministeerri Hojii fi Kalaqaa qaamolee dhimmi ilaallatuu waliin marii gaggeesseera.

Waltajjicharratti aadde Mufariyaat Kaamiil, kayyoo marichaa biyyaa ga’umsaa qabdu keessaa taanee biyyaa alaatti humna namaa horachuun, mirga hojjettootaa eeguun hariiroo gaarii uumuun haaraa kan hundaa’ee waajjiirri Ministeerichaa haala waloon hojjechuun dandeessisuurratti haala mijataa uumuu himaniiru.

Dabalataanis Ityoophiyaanoonni waloon hojjechuus ta’ee waloon jiraachuuf duudhalee hedduu qabnutti fayyadamnee biyya keenya yaa guddisnuu jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Ministir Deetaan damee hojii, bobbii hojii fi gabaa obbo Nigusuu Xilaahuun, dhimma waajjira ministeerachaa ibsa taasisuun, rakkoowwan kana dura muudataa turan furuu fi dhimmota xiyyeeffannoo barbadaan irratti hundi shooraasaa akka ba’aatuu waamicha dhiyeessaniiru.

Qiddist Tasfaayetu gabaase

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii

https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.