Bilisummaa wareegama qaaliin goonfanne dhiigaan eegganna – BMNO
Finfinnee, Onkololeessa 22, 2014 (FBC) – Bilisummaa wareegama qaaliin goonfanne dhiigaan eegganna jedhe Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksiise.
Ibsa Haala Yeroo Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa kenname
Juuntaan yeroo umameerraa kaasee shiiraan, dabaan, ajjeechaafi hannaan umurii isaa guutuu kan jiraate humni badii kun, summii isaa waliin hiddaan dhabamsiisuuf yeroo murtaa’e gaafachuun isaa hin oolu. Kanas ta’e sana gareen diina ummataafi biyya keenyaa ta’e kana yeroo gabaabaa keessatti obbaafachuun goonkumaa hin oolu.
Juuntaan naqarsaa biyyaa ta’ee ummataafi biyya keenyaa irratti waggoota 27 oliif darara, hidhaa, ajjeechaa jumlaa, lammilee biyyaa baasaafi buqqaatii hamaa inni qaqqabsiise gonkumaa kan dagatamu miti. Diddaan ummataa Qeerroo Oromoofi ummata Itoophiyaa biroo daangaa hanga daandaatti sochoose, hacuuccaan daangaa darbee dambalii ummataa uume, ajjeechaan daangaa dhabee ummata dheekkamsise.
Bilisummaan gonfanne kun akka laayyootti kan argame miti. Bilisummaa wareegama qaaliin gonfanne dhiigaan eeggannee imala badhaadhinaa keenya itti fufuu malee carraan biraan akka hin jirre qajeellootti hubanna. Jijjiirama dhiigni itti dhangala’ee, lafeen itti cabee argame kana humnoota farra jijjiiramaatti dabarsanii kennuu gonkumaa hin eeyyamnu. Seenaa eenyummaafi xiinsammuu akkasiis hin qabnu. Kana firris diinnis hubachuu qaba.
Humni shoororkeessaa TPLF jijjiirama booda harka dhiifamaa diriire isaaf balfee oftuulummaa filate, walqixxummaa akka hacuuccaatti fudhatee humnaa ol of dhiitesse, Itoophiyaan irree koo jalatti hin bulle haa diigamtu jechuun Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Kaabaa irratti haleellaa gantummaa raawwate.
Rakkoofi gadadoo humni juntaa kun lammilee keenya irraan gahe, ummanni Oromoofi Mootummaan Naannoo Oromiyaa yeroo hunda xiiqiidhaan yaadata. Waraanni keenyaa juuntaa waliin qofa otuu hin taane humnoota badii Itoophiyaa diiguuf tirtiran, diinota keessaafi alaa waliin akka ta’e sirriitti beekna. Kana waan ta’eef wareegama qaalii kaffallee gonfoo kabajaafi ulfinaa gonfanna. Kun akka ta’u gonkumaa hin shakkii hin qabnu.
Juntaan ariitii guddaadhaan gara awwaalasaatti imalaa jira. Awwaalasaa gadi fageessuun nurraa eegama. Waraanni kun waraana diina Oromoofi Itoophiyaa irratti geggeeffamaa jirudha. Waraanaa birmadummaa biyyaa irratti aggaamame qolachuuf taasifamu. Waraanni kun waraana qaama mooraalii olaanaan hogganamuufi humna badii safuuf safeeffannaa hin beekne gidduutti taasifamu waan ta’eef madaala tokkorra kaayuun tasumaa hin danda’amu.
Juntaafi ergamtoonni isaa waraana ummata nagaa irratti xiyyeeffate, bu’uraalee misoomaa, dhaabbilee idil addunyaa, qaxanaa waraanaa keessatti walabummaan socho’aniifi kkf yaada keessa kan galcheefi dhimmoota kanneenifis kan cinqaman miti.
Mootummaan Federaalaa dhimmoota kanneen ilaalcha keessa galchuun miira ittigaafatamummaan xiinxalee waraanicha yeroo gabaabaa keessatti xumuruun gara misoomaatti deebi’uuf tattaaffii inni taasisu ummanni Oromoofi Mootummaan Naannoo Oromiyaa adda durummaan gumaacha barbaachisaa ta’e hunda gumaachuun itti gaafatama seenaa ni baana.
Hirirri diinoota keenyaa keessaa hanga alaatti diriire salphaa miti. Tarkaanfiin humnoota somba juntaan harganan qulqulleessuuf fudhatamaa jirrus akkanuma. Tarkaanfii kana cimsinee itti fufuun abjuu diinnonni keenya Oromiyaa dirree waraanaa taasisuuf abjootan yeroo gabaabaa keessatti maseensina.
Qabsoon amma eegalle roga hedduu qaba. Garuu galmi isaa tokko waan ta’eef humni addaa naannoo keenyaa, poolisiin, milishaafi caasaaleen nageenyaa sadarkaa sadarkaan jirtan biroon bilisummaa dhiigaan gonfanne diinni deebisee akka nu harkaa hin baasne tokkummaa keessan cimsitanii tarkaanfii mootummaa akka tumsitan, naannoo keessan dammaqinaan akka eegdan waamicha dabarsina.
Ummanni Naannoo keenyaas amala waraanichaafi hiriira diinoota keenyaa tilmaama keessa galchuun ololaa miidiyaa hawaasaan afarfamaniin otoo hin jeeqamiin of eeggannoo cimaan imala injifannoo keenyaa ariifachiisuu keessatti gahee keessan akka baatan amantaa guddaa qabna.
Gaggeessitoonni Naannoo keenyaa hundi qabsoo ummataa kana kutannoon dursuun injifannoo boru itti qaqqabnuuf wareegama barbaachisu hunda kanfaluuf qophii akka ta’an waamichi darbeera.
Abbootiin qabeenyaa Naannoo keenyaa, qonnaafi horsiisee bultoonni, qeerroofi qarreen, hojjettoonni mootummaa, ogeeyyiin hojii addaa addaa irratti bobbaatan, jiraattoonni magaalaa hundi naannoo keessan dammaqinaan akka eegdaniifi qaamoota nageenyaa waliinis qindoomtanii akka hojjettan Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha dhiyeessa.
Abbootiin amantaa, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqeefi jaarsoliin biyyaa diina ummata keenya gabrummaa biraaf qaadhimachuuf wxxirfachaa jiru barbadeessuuf qabsoo obsa fixachiisaa taasifamu jiru keessatti ummata dammaqsuun, jabeessuun, tokkummaan keessoo akka eegamu gahee bakka hin buunee akka baatan waamicha dhiyeessina.
Dhumarratti ummanni Naannoo keenyaa akkuma kanaan duraa aarsaa lukkuu hanga lubbuutti kaffalee Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa dhaabate har’as haftee juntaafi gantuu akka lamuu hin deebinetti dhabamsiisuuf aarsaa barbaachisaa ta’e hundaaf akka of qopheessitan waamicha dhiyeessina.
Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Onkoloolessa 23/20014
Finfinnee
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.