Fana: At a Speed of Life!

Hamilee gantootaa camsuun Ityoophiyaa gara Boqonnaa haaraatti ceesisuuf bakka jirrutti loltuu yaa taanu – Mana Maree Federeeshinii

 

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2014 (FBC) – Hamilee gantootaa camsuun Ityoophiyaa gara Boqonnaa haaraatti ceesisuuf hundi keenya bakka jirrutti loltuu ta’uun barbaachisaa ta’uu Manni Maree Federeeshinii ibse.

Onkololeessi 24,2013 guyyaa oduu onnee keenya cabse itti dhageenye ta’uu manni marichaa ibsa baaseen himeera.

Seenaan seenaa hojjettoota kan fakkaattu ta’uu eereera.

Kan dhugaaf dhaabbatan biyya dursan dhugaa fi gochaa isaaniin bara baraan ni yaadatamu.

Gantummaa barootaaf raawwatame keessatti kan Onkololeessa 24, 2013 Ityophiyaa irratti raawwatame samii gaditti kan muul’atee hin beekne ta’uu ibseera.

Hunda caalaa kan nama dhukkubsu Ityoophiyaa barootaaf kajamtee jiraatte gochaan Onkololeessa 24, 2013 irratti raawwatame ummattoota biyyattii kan salphiseedha.

Ummanni Ityoophiyaa guyyaa kana wayita yaadatu duula birmadummaa biyyaa keesatti qooda isaa haala kamiin ba’uu akka qabu yaaduun ta’uu qaba jedhe manni marichaa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.