Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti baatiwwan sadan darban lammiilee kuma dhibba 3 fi kuma 61f carraan hojii uumamuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti baatiwwan sadan darban lammiilee kuma dhibba 3 fi kuma 61f carraan hojii dhaabbii uumamuu Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Kalaqaa naannichaa beeksisie.
Dameewwan daldalaa, Tajaajilaa, Qonnaa, Maanuufaakcheriingii, Ijaarsaa, horsiisaa fi furdisa Loonii, Jallisii fi Eeggumsa misooma qabeenyaa uumaman lammiilee kanneeniif carraan hojii uumamuu Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Kalaqaa obbo Ahimad Indiriis ibsaniiru.
Mootummaan Intarpiraayizoota kuma 18 fi 260 waldaan gurmaa’aniif Birrii Miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 55 liqaan dhiyeessuu eeraniiru.
Bara baajataa kana lammiilee miiliyoona 1 fi kuma dhibba 5 oliif carraa hojii uumuuf karoorfamuu obbo Ahimad ibsaniiru.
Kurmaana 1ffaatti lammiilee kuma dhibba 5f carraa hojii uumuuf karoorfamee % 72 milkaa’uu kaasaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.