Fana: At a Speed of Life!

Sirni fayyaa hawaasaaf deebii akka laatu ni hojjetama – Dooktar Liyaa

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2014 (FBC) – Sirna Fayyaa hawaasaaf deebii laatu taasiisuuf kan hojjetamu ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsan.
Seektarri Fayyaa Covid -19 dabalatee rakkoolee hedduu keessa jiraatus bara baajataa darbe hojiilee bu’aa qabeessa ta’an hojjechuu himaniiru.
Yeroo itti aanu uwwisa fayyaa quqlullinaa fi haqa qabeessa ta’e, ogeeyyii fayyaa ga’umsaa fi kaka’umsa qabu akkasumas faayinaansii fayyaa itti fufiinsa qabu horachuuf kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.
Xiyyeeffannoon mootummaan damee fayyaaf laate, hirmaannaan dhaabbilaa idil addunyaa fi ogeeyyii fayyaa taasiisaniin bu’aa gaariin argamaa jiraachuu Itti aanaan Preezdaantii Naannoo Somaalee obbo Ibraahiim Usumaan dubbataniiru.
Yeroo itti aanu fayyaa haadholii fi daa’immaniirratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.
Yaa’ii waggaa damee fayyaa 23ffaa magaalaa Jigjigaatti gageeffamaa jiruun qaamolee hojii gaarii galmeessaniif beekkamtii fi badhaasni laatamuu himameera.
Afawarqi Alamuu fi Fatiyaa Abdallaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.