Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu cimee akka itti fufuuf murannoo qabdi-Ambaasaaddar Giitaa Paasii

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2014 (FBC)- Ameerikaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu cimee akka itti fufuuf murannoo qabdi jechuun Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Giitaa Paasiin beeksisaniiru.

Jilli Ambaasaaddarichaan durfamu guyyaa har’a Paarkii Indaastirii Hawaasaa fi Yuunvarsiitii Hawaasaa daawwateera.

Ambaasaaddarichi daawwannicha booda ibsa laataaniin, paarkiin indaastirii Hawaasaa Afrikaatti oomishaa uffataaleetin paarkii jalqaba mootummaan ijaarramee ta’u himaniiru.

Paarkicha keessaatti dubrattoonni hedduun carraa hojii argachuusanii daawwachuun gammachuu qaban kan ibsan ambaasaaddarichi, dubartoota kanneen waliiniis dhimmoota garagararratti mari’ataniiru.

Daawwannaa Yuunvarsiitii Hawaasaa keessaatti taasisaniin, barattoonni walii waliisaaniif nageenyaa cimsuuf tattaaffii taasisaan jajjabeessaa ta’uu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.