Gareen shororkeessaa ABUT meeshaalee dhukaasuu fixuun ololaa eegaleera-Tajaajila Komikeeshinii Mootummaa
Finfinnee, Onkololeessa 19, 2014 (FBC)-Gareen shororkeessaa ABUT tibba kana rukkuttaa cimaa irra ga’een humnisaa diigamuun muraasni hafaan kallattii Booruu Meedaatiin lagaa fi holqaa keessaa dhokatee tureera.
Guyyoottaniif erga dhokatee booda dheebuu fi beellii yeroo itti cimuu irraa deddeebiin dhukaasaa banuun boollaa keessaa ba’uun hawaasa naannichaa burjaajeessuuf yaaleera. Hantuunni lakkoofsaa boollarraa fagatteen akkuma rukutamtuu, gareen kunis battalumaatti rukutameera.
Gareen shororkeessaa ABUT naannoo Yuunvarsiitii Walloo waan to’atee fakkeessuun proppooggandaa sobaa tatamsaasaa jira.
Raayyaa ittisa biyyaa fi qaamolee nageenyaa hundi baandoota kanneen funaanuun tarkaanfii fudhachaa jiru. Booruu Meedaas ta’e Booruu Meedaarraa fagaatee iddoowwan jiraaniis harka raayyaa ittisa biyyaarratti argamu.
Hawaasni kalaqtoota odeeffannoo sobaas ta’e daddabarsitoota isaa seeraatti dhiyeessuun naannoo fi qe’eesaa ammas dammaqinaan eeguu qaba jedhameera.
Maddi:-Tajaajila Koominikeeshinii Mootummaa
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.