Waltajjiin biyyaalessaa hariiroo seera raawwachiistota Mootummaa Federaalaa fi naannolee ibsa laate
Finfinnee, Onkololeessa 19, 2014 (FBC)- Haalota gocha shororkeessaa gareen ABUT raawwatu qolachuuf dandeessisan irratti mari’achuun waltajjiin biyyaalessaa hariiroo seera raawwachiistota Mootummaa Federaalaa fi Mootummoota naannolee ibsa laateera.
Ityoophiyaan seenaa ishee ammayyaatiin diinni akka ABUT mudatee hin beeku. Diinni shororkeessaan biyya balleessuu kun “ Ityoophiyaa akkan barbaade godhee yoon bulchuu baadhe diigamuu qabdi” jedhee kan ka’e guyyaa itti olaantummaa isaa jijjiirama uummataan dhabee kaaseeti.
Guyyaa hundeeffama isaarraa kaasee walitti bu’iinsaa fi jeequmsa akka meeshaatti, jibbaa fi qoqqoodiinsa akka tooftaatti, gantummaa fi shira akka malaatti lakkaa’ee karoora biyya diiguu hojjiitti hiikaa turuun isaa beekkamaadha.
Sabni saba waliin akka walitti bu’u, amantaan amantaarratti ilkaan akka ciniinnatu, uummatni akka wal jibbu, miirri lammummaa onnee lammiileerraa soofamee akka badu osoo hin dadhabiin hojjeteera.
Gareen kun dogoggora isaa sirreessee biyya akka bulchuu fi ummata akka hogganuuf carraan laatameefi ture.
Haa ta’u malee walqixxummaa akka gadi aantummaatti lakkaa’uun, waltajjii araaraa fi nageenyaa mootummaa fi uummanni Ityoophiyaa dhiyeesseef dhiituun, harka jaalalaa fi ida’amuu diriirfameef ciniinuun jijjiirama barii Ityoohiyaa diiguuf Maqalee gale.
Waggoota naannoo Tigraay turetti karaa tokkoon humna waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaan walgitu ijaaraa karaa biraa ammoo adeemsa jijjiiramichaa gufachiisuuf qaamolee gocha badiisaa deeggaran waliin ta’uun ba’aa rakkoo gatiitti uummataarratti dabaluuf carraaqaa ture.
Amantaalee fi hordoftoota isaanii qindoominaan biyya tursiisan walumaagalatti uummata Ityoophiyaa walitti buusuuf hojjechaa ture.
Dhumarrattis qaama karoorasaa biyya diiguu Onkololeessa 24, 2013 Ajaja Kaabaa waggoota 20 oliif isa eegaa ture duubarraan waraanuun hidhannoo isaa butuuf Ityoophiyaas balaarra buusuuf gocha gara jabinaa raawwateera.
Raayyaan Ittisa Biyyaa, Humnoonni addaa Amaaraa fi Affaar, Uummata Ityoophiyaa waliin tokko ta’anii ka’uun torban sadii keessatti ABUT bakka ajaja olaanaa Maqalee ba’ee gammoojjii Tanbeen akka bu’u taasiseera.
Duula seera kabachiisuu kanaan humni ittisaa meeshaalee jalaa butame deebisiisuun, misensota ajaja kaabaa booji’aman gadi lakkisiisuun, yakkamtoota ijoo qabee seeratti dhiyeessuun, akkasumas humna loltummaa fi siyaasaa garee badii kana dadhabsiisuun ergama itti laatame haalaan ba’ateera.
Kana hordofee mootummaan Birrii biiliyoona dhibba 1 baasuun uummata Tigraay jeequmsichan miidhame irra deebiin ijaaruu fi deeggarsa namoomaatiif hojii hojjeteera.
Qonnaan bulaan Tigraay rakkoo irra deddeebiin uumameen beelaaf akka hin saaxilamneef mootummaan waraana dhaabuuf murteessuun isaa ni yaadatama.
Haa ta’u malee gareen badii kun waraana gammoojjiitti qindeesse qabatee uummata Tigraayis daa’imarraa hanga beekaatti humnaan hiriirsisuun lafa naannolee Amaaraa fi Affaar humnaan weeraruu eegale.
Gareen shororkeessaa kun yeroo duula seera kabachiisuu keessaa ba’ee lolichi bifa biraa akka qabaatu taasiseera.
Daa’imman umriin isaanii 12 ta’an irraa eegalee hanga maanguddoo waggaa 65 akkasumas dubartoota, qaama miidhamtoota, abbootii amantaa, dubrattoota ulfaa osoo hin hambisiin humnaan waraanatti bobbaaseera.
Kaayyoon duula badiisaa kun gara jabummaan, saamichaan, qabeenya barbadeessuunii fi shororkeessummaan biyya diiguuf akka ta’e gochaanis dubbiinis ibsaa tureera.
Ergama garichi biyya balleessuuf qabate gurmaa’insa loltummaa idileen mo’achuu fi awwaaluun hin danda’amu. Uummata Ityoophiyaa hunda dadammaqsuunii fi abbaa taasisuun birmadummaa biyyaaf haleellaa gama maraarraa ittisuu barbaachisa.
Tooftaan duulaa fayyadamnu ga’umsaa fi hawwii badiisa garee shororkeessaa kanaa haala cabsuun danda’amuun abjuu biyya diiguu isaa yeroo xumuraaf haala dhabamsiisuun danda’amuun ta’uu qaba.
Ergama garee badii kana mo’achuuf Ityoophiyaanonni hundi tokko taanee ka’uu qabna jedhameera ibsichaan.
Dhukkubbii nu mudatan danda’uun, qormaatilee nu mudatan dandamannee, qaawwaa keessoo keenyaa duuchinee, cimnee ba’uudhaan hawwii garee badii kanaa ni fashaleesina.
Adeemsi inni ittiin uummata jumlaan dinummaan farraju, dheebuu inni herrega buusuuf qabu, fedhiin biyya diiguuf qabu, gantummaan diinoota alaatti dabarsee nu kennuuf qabu hanga xumuraatti ni dhumataaf.
Injifannoon keenya kan milkaa’u hanga kaka’umsa keenyaani. Irree tokkoon kaanee diina nurratti ka’e qaanessinee ni gaggeessina jedha ibsichi.
Miseensonni raayyaa ittisa biyyaa hundii fi qaamolee nageenyaa naannolee hundaa bakkeewwan waraanaa hundatti kan isaani kufanii fi aarsaa kaffalaa jiran kabajaa fi jaalala bakka bu’ummaa hin qabne Ityoophiyaa fi Ityoophiyummaa qaban irraa ka’uuni.
Kanaafuu qabsoon seenaa fi haqummaa eegaltan kun injifannoon akka xumuramu hin shakkinu jedhameera.
Dhumarrattis waraanni garee shororkeessaan ABUT bane waraana uummataa waan ta’eef uummanni Ityoophiyaa hundi bal’inaa fi gadi fageenya waraanichaa hubachuun akkuma kanaan duraa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi qaamolee nageenyaa naannolee hunda duuba hiriiruun biyya haleellaarraa akka ittisnu waamicha keenya dabarsina.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.