Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Alangaa ibsa Ministeerri Haqaa badii gareen ABUT qaqqabsiisee ilaalchisee qorannoo taasisaa ture irratti ibsa kenne

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2014 (FBC)- Abbaa Alangaa ibsa Ministeerri Haqaa badii gareen Juuntaa Naannoo Amaaraa fi Affaar irratti qaqqabsiise ilaalchisee qorannoo taasisaa ture irratti miidiyaaleef ibsa kenneera.

Ministir Deetaan Ministeera Haqaa fi damee tajaajila Abbaa Alangaa obbo Fiqaaduu Tsaggaa ibsa laataniin,gareen Juuntaa kun erga mootummaan  tarkaanfii dhukaasa dhaabuu naannichatti fudhatee as hawaasa nagaa, misoomawwan bu’uuraa fi dhaabbilee garagaraa irratti tarkaanfii fudhachuun gocha badii fi gara jabinaa raawwachaa turuu qorannoo kanaan ifoomeera jedhan.

Ministeerri Haqaa poolisii Fedeeraalaa waliin ta’uun ragaa namoota kuma 2 fi 200 caalu irraa argame akkasuma ragaa Viidiyoo fi suuraa irraa argateen qorannoon kun qoratamuu ibsaniiru.

Gareen Juuntaa kun gocha gara jabinaa raawwateen naannoo Amaaraa godina Gondar Kaabaatti namoota 96 ajjeesuun namoota 53 irra miidhaa qaamaa qaqqabsiiseera.

Akkasumas godina Gondar kibbaa aanaalee 5 keessaatti ammoo namoota 129 ajjeesuun namoota 54 irraan miidhaa qaamaa qaqqabsiisuu qorannoon adda baheera jedhan Komiishinii poolisii Federaalaatti itti aanaan hoogganaa Biiroo qorannoo yakkaa obbo Mul’isaa Abdiisaa.

Naannoo Affaariittis bakka buqqaattoonni buufatanii jiran Ganda Gaalikoomaatti miidhaa geessiseen namootni 240 yoo du’an, namoota 42 irra dhiibbaa qaamaa qaqqabuun qorannoon kun ni eera.

Kana malees, haala suukaneessaan naannoo Amaaraa fi Affaar keessaatti dubartootni 109 dirqisiifamanii gudeedamuu isaanii qorannoo hanga ammaatti gaggeeffameen ibsamuu obbo Mul’isaan dubbatan.

Gareen kaayyoo biyya diiguu qabatee hojjechaa jiruun manneen barnootaa, dhaabbilee fayyaa fi misoomawwan bu’uuraa barbaddeessuu fi gocha hannaa irraatti hirmaachuun gocha badii raawwachaa jiras jedhan.

Mootummaan garee badii kanarratti tarkaanfii fudhachuun hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu ni hojjeta jedhan.

Qorannoon kunis Fulbaana 5 irraa eegaluun kan qoratame yoo ta’u, itti fufiinsaan ni qoratamaas dhaamuu OBN gabaasera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.