Fana: At a Speed of Life!

Oomishaalee bunaa, shaayii fi mi’eessituurraa galiin doolaarri miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 33 argame

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2014 (FBC)- Baatiiwwan sadeen darbaniitti oomishaalee bunaa, shaayii fi mi’eessituu gabaa biyyaa alaaf  dhiyaataan irraa galiin doolaarri Ameerikaa miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 33 argamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Ityoophiyaa beeksiseera.

Galichi kan argame oomishaalee bunaa, shaayii fi mi’eessituu tooniin kumni 88 biyyoota alaa garagaraarratti argameerra ta’uu ibsameera.

Galiin argamees kan bara darbee yeroo wal fakkataan wal bira qabamee yoo ilaallamuu, caalmaa doolaara miiliyoona 144 agarsiisuu abbaa taayitichaatti daayreektarri hariiroo uummataa fi kominikeeshinii Saahilamaariyaam Gabramadiin himuu EBC gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.