Hojmaata badaa fi dhamaatii ummataa hambisuun tajaajila dhaqqabamaa ta’e laachuun hojii ijoo ta’a – Obbo Awwaluu Abdii
Finfinnee, Onkololeessa 18, 2014 (FBC) – Hojmaata badaa, hannaa fi dhamaatii ummataa hambisuun tajaajila dhaqqabamaa ta’e laachuun hojii ijoo mootummaan ta’uu Itti aanaan Preezdaantii bulchiinsa mootummaan naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii ibsan.
Dameewwan dhamaatiin ummataa fi hanni itti babal’ate jijjiiruun tajaajila qulqullinaa qabuu fi dhaqqabamaa ta’e laachuun hojii duraa mootummaa ta’uu obbo Awwaluun turtii Faanaa Broodkaasting Korporeet waliin taasiisaniin himaniiru.
Mootummaan naannoo Oromiyaa haaraan hundaa’e rakkoolee misooma ummataa fi bulchiinsa gaarii furuurratti xiyyeeffatee kan hojjetu ta’uu kaasaniiru.
Dhiyeessii Lafaa, Invastimantii, Galiiwwan fi Daldallii kanneen rakkoon kenniinsa tajaajila itti muul’ate keessaa adda duree ta’uu qorannoon mirkanaa’uu dubbataniiru.
Rakkoo kanneen furuuf Godina hanga gandaatti hoggantoota Paartilee morkattootaa fi kutaa hawaasaa hunda haala hirmaachiseen hoggansi ramadamuu obbo Awwaluun eeraniiru.
Sirna kenniinsa tajaajila ariifataa diriirsuu, olaantummaa seeraa kabachiisuu, hojiilee misooma qonnaa babal’isuun ergama duraa hoggantoota haaraa ramadamanii ta’uu himaniiru.
Hoggansi sadarkaa gadiitti ramadaman ummata dhaggeeffachuu fi gaaffii ummataaf deebii laachuurratti hojiiwwan baatii sadan darba keessa hojjetan ilaalchisee gamaaggama gaggeeffameen sirreeffamni fudhatamuu ibsaniiru.
Ummanni filannoo eegalee hirmaannaa agarsiise itti fufuun hoggansa haaraa ramadaman waliin hojjechuun kanneen dogongora hojjetan wayita argan sirreessaa hojiin bulchiinsa gaarii akka mirkanaa’uu qooda isaanii akka ba’an waamicha dhiyeessaniiru.
Tigist Abrahaamtu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.