Fana: At a Speed of Life!

Kibba Ityoophiyatati dhibeen Firii Bunaa muudachuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2014 (FBC) – Kibba Ityoophiyatati dhibeen Firii Bunaa iddoolee tokko tokkotti muudachuu ibsame.
Dhibeen kun iddoolee tokko tokkotti muul’achuu isaa hordofee mariin taasiifamuu eerameera.
Dhibee firi Bunaa waktii eeggatee uumamu fi Ilbiisoota oomisha Bunaa hir’isan ittisuun oomishaa fi oomishtummaa dabaluun dhimma murteessaa ta’uu Daayreektarri olaanaan Inistiityuutii Qorannoo Qonnaa Ityoophiyaa Dooktar Fattoo Asiimoon ibsaniiru.
Dhibichi Firii Bunaa kan tortossuu fi kan harcaasu ta’uu himameera.
Gareen hundaa’uun qorannoo gaggeessaa jiraachuu himameera.
Naannoo Kibbaa Godina Geedi’oo gandoota 11 ooyiruu qonnaa bulaa 48 irratti dhibichi muul’achuu qorannoon mirkanaa’uu ibsameera.
Sanyii dhibicha dandamachuu danda’u fayyadamuun ittisuun kan danda’amu ta’uu Inistiityuutichi ibsa Faanaa Broodkaastiing Korporeetif ergeen eereera.
Qonnaan bultoonni gosa sanyii fooyya’oo dhibicha dandamachuu danda’u kana akka argatan haala mijeessuun barbaachisaa ta’uu himeera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.