Poolisiin Federaalaa hojiiwwan isaa ammayyeessuuf mootummaa Ingiliiz waliin walii gale
Finfinnee, Onkololeessa 18, 2014 (FBC)- Itti aanaa Komishinara Poolisii Fedeeralaa Jeneraal Nabiyyuu Daanyee hoggantoota hojii mootummaa Ingiliiz waliin haala waliin hojjechuun danda’amuurratti mari’ataniiru.
Marii isaaniin Attashee Loltummaa Ingiliiz, Ityoophiyaa, Jibuutii fi Gamtaa Afrikaa kan ta’aan Koloneel Guus Maakgaaliivaarii fi deeggarsa laataan nageenyaa Ingiliizii fi gorsaan Afrikaa Isteev Odeeng waliin mari’ataniiru.
Marichaan nageenyummaa namoomaa eeguuf, tajaajila poolisii ammayyeessuu, hojiin yakkaa itti fi qorachuu sadarkaa idil addunyaa eegatee akka jiraatuu taasisuu, akkasumas ijaarsa dandeetti poolsii hojiirratti deeggaruun waloon hojjechuuf walii galaniiru.
Nageenyaa biyyattif muuxannoo biyyoota biroo fudhachuun tumsaa fi waloon hojjechuuf hojii poolisii cimsuurratti shooraa olaanaa qabu ibsamuu ragaan komishinii poolisii federaalaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.