Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan ce’umsi Sudaan akka milkaa’uuf ejjennoo qabattee cimsitee itti fufti-Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan ce’umsi Sudaan akka milkaa’uuf ejjennoo qabattee cimsitee akka itti fuftuu Dubbi Himaan Ministeeraa Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsaniiru.

Ambaasaaddarichi ibsa torbee laataniin, lammiileen Sudaan rakkoo keessoo isaa ginduseentummaa alaatin osoo hin taanee ofiisaanitiin furuu qabu jedhaniiru.

Ityoophiyaatti torbee darbee hojiiwwan dippiloomaasii raawwatamaan irrattis ibsa laataniiru.

Aanga’oonni Gamtaa Awrooppaa gara Ityoophiyaa dhufuun itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokkonniin waliin mari’achuusaanii kaasaniiru.

Marichaanis Gamtaan Awrooppaa rakkoowwan kutaa kaabaa Ityoophiyaa waliin walqabsiisee gama Ityoophiyaatin hojiiwwan hojjetamaa jiran rakkoon beekkamtii laachuu dhabuu sirreeffamuu akka qabu obbo Dammaqaan kaasuusaanii Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.

Leeykuun Alamuutu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.