Aangoon fedhiin uummataa kan itti guutamuu malee kan hoggansi itti daheeffatee fedhii dhuunfaa itti guuttatu miti-Preezdaant Shimallis Abdisaa
Finfinnee, Onkololeessa 17, 2014 (FBC) – Aangoon fedhiin uummataa kan itti guutamuu malee kan hoggansi itti daheeffatee fedhii dhuunfaa itti guuttatu miti jedhan Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa.
Mariin raawwii hojii mootummaa fi paartii ji’oottan sadan darbanii Adaamaa galma Abbaa Gadaatti gaggeefamaa jira.
Maricharratti hoggansi haaraan muuddaman godinaalee fi magaaloota Oromiyaarraa hirmaataa jiru.
Turtii guyyoota lamaatiinis adeemsa waggoota sadan darbanii as ture, raawwii hojii mootummaa fi paartii ji’oota sadan darbanii fi kallatti hojii fulduraarratti ni mar’atu.
Hoggansi haaraan sadarkaa naannoo hanga gadiitti muudame, amanamummaan hojjechuun uummataa fi biyya badhaateef gahee hoggansummaa bu’an mul’atuun argisiisuu akka qabu obbo Shimallis dhaamaniiru.
Hoggansi imaanaa uummataa fi karoora mootummaa itti gaafatamummaan hojiin hin mul’isne sakkata’uun tarkaanfiin sirreeffamaa kan fudhatamu ta’uu hubachiisaniiru.
Kanaafuu hoggansi buleeyyiinis ta’e haaraan aangootti dhufan caasaa of jalatti hogganan qindeessuun, bu’aa uummatni irraa fayyadamuu fi guddina naannootiif sona dabaluun hojjachuu isaaniin madaalamu jedhan.
Ilaalchota qajeeloo fi hin raafamneen hoggansi dandeetti raawwachiisummaa fi siyaasaa isaa jabeeffatee itti gaafatamummaa hojii mootummaas ta’e paartii ga’umsaan ba’achu akka qabu Itti gaafatamaan waajira paartii Badhaadhina Oromiyaa obbo Fiqaadu Tasammaa hubachiisaniiru.
Ummanni tajaajila mootummaarra argachuuf akkuma mirga qabu, hoggansi muudamaa siyaasaatiinis ta’e hojjetaan hojii ogummaan hojjetu kamuu bakka itti ramadametti ummataaf tajaajila yeroon barbaadu kennuun dirqamaa ta’uu obboo Fiqaaduun ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.