Obbo Dammaqaa Makonniin Preezdaantii Koree Fannoo Diimaa Idil Addunyaa waliin mari’atan
Finfinnee, Onkololeessa 17, 2014 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Preezdaantii Koree Fannoo Diimaa Idil Addunyaa Piiter Moorariin waliin mari’ataniiru.
Marichaan preezdaantichi deeggarsa gama mootummaatiin taasifamaafii jiruun galateeffataniiru.
Dhaabbatichi giddu seentummaa qaama kamiirraayyuu bilisa ta’ee deeggarsa namoomaa kan taasisu ta’uu ibsuun , deeggarsa naannoo Tigraayitti taasisuun walqabatee eeyyama balallii xiyyaaraa, daballii maallaqaa fi fedhii gama boba’aatiin jiru irratti mootummaan deeggarsa akka taasisuufiif gaafataniiru.
Koreen Fannoo Diimaa Idil Addunyaa Waldaa Fannoo diimaa Ityoophiyaa waliin ta’uun deeggarsa namoomaa taasisuun cinatti hojiilee garaagaraa kan hojjetu ta’uu ibsameera.
Obbo Dammaqaan gama isaaniin, Koreen Fannoo Diimaa Idil Addunyaa dhimma keessoo biyyaa keessa osoo hin seeniin ergama isaa ba’uuf tajaajila kennaa jiruuf galateeffataniiru.
Deeggarsa dhaabbatichi naannoo Tigraayitti tsaasisaa jiruuf fedhii sirrii ta’erratti hundaa’uun fedhiin boba’aas ta’e maallaqaa akka guuttamuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’achuun furmaatni kan kennamu ta’uu obbo Dammaqaan mirkaneessaniiru.
Walitti bu’iinsa kaabaa Ityoophiyaatti mudateen hidhamtoonni waraanaa lammiilee keenya waan ta’aniif akkaataa seera Idil Addunyaan qabiinsi kan taasifamuuf ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbi himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.