Preezdaant Reeseep Xaayiib Erdoogaan MM Abiy Ahimadiif ergaa baga gammadanii dabarsan
Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC) –Preezdaantiin Turkii Reeseep Xaayiib Erdoogaan Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiif ergaa baga gammadanii dabarsaniiru.
Preezdaantichi MM Abiy Ahimad Muummee Ministira Ityoophiyaa ta’uun irra deebiin muudamuu isaaniif ergaa baga gammadanii dabarsaniiru.
Preezdaant Reeseep Xaayiib Erdoogaan MM Abiy Ahimad waliin hariiroo biyyoota lamaan gidduu jiru cimsuu fi fayyadammuummaa uummattoota lamaanii guddisuuf waloon kan hojjetan ta’uu himaniiru.
Hariiroo biyyoota lamaan gidduu turee gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf waliigaltee mallatteesuun isaanii kan yaadatamuu ta’uu ragaan waajjira dubbi himaa ministeera dhimma alaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.