Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Sudaan rakkoo isaan muudate dandeettii isaaniin furuuf ga’umsa qabu jennee amanna- MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC) – Lammiileen Sudaan rakkoo yeroo ammaa isaan mudate dandeettii isaaniin furuuf ga’umsa akka qaban kan amanan ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsan.
Muummeen Ministiraa Abiy ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin mootummaa fi ummanni Ityoophiyaa itti dhiyeenyaan haala Sudaan keessatti uumame hordofaa jiraachuu himaniiru.
Hariiroon ummattoota biyyoota lamanii seenaa qabeessaa fi cimaa ta’uu eeruun, lamanuu abbaa qaroomina Laga Abbayyaa ta’uu kaasaniiru.
Waldhabdeen biyyattiitti kana dura ture mariin akka furamu Ityoophiyaan Gamtaa Afrikaa waliin ta’uun shoora olaanaa taphachuu yaadachiisaniiru.
Rakkoon yeroo ammaa uumame akkaataa waliigaltee Juubaa fi heera mootummaa biyyattiin karaa nagaan furamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Ummanni Sudaan rakkoo uumame giddu seentummaa alaa malee ofii isaaniin furachuu akka qaban mootummaa fi ummanni Ityoophiyaa kan amanan ta’uu himaniiru.
Mootummaa fi Ummanni Ityoophiyaa rakkoon biyyattiitti uumame karaa nagaan akka furamu cinaa dhaabbachuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
Humnoonni Alaa rakkoo biyyattiitti uumame giddu seenuun olaantummaa isaanii mirkanneessuu fi rakkoo uumuuf akka hin hojjenne Biyyoonni naannawaa Baha Afrikaa hordofuu akka qaban hubachiisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.