Fana: At a Speed of Life!

Imaanaa fi adaraa Ummata nu filate itti gaafatamummaan ba’uuf murannoon ni hojjenna – Obbo Oordiin Badirii

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2014 (FBC) – Imaanaa fi adaraa Ummata nu filate itti gaafatamummaan ba’uuf murannoon ni hojjenna jedhan Preezdaantiin naannoo Hararii Obbo Oordiin Badiriin.

Hojmaata ummata fayyadamoo taasiisan raawwachuuf murannoon kan hojjetan ta’uu himaniiru.

waggoota sadan darban keessa ciminoota muul’atan itti fufsiisuun hanqinoota turan ammoo maksuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.

Preezdaantii naannichaa ta’uun irra deebiin kan filataman obbo Oordiin caaseeffama walqixxummaa ummattootaa, fayyadamummaa waloo fi tokkummaarratti hundaa’een jijjiirrama siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee damee hundaan mirkaneessuuf paartilee morkattootaa fi jiraattoota naannichaa hirmaachisuuun kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.