Mootummooleen naannichaa darban of danda’anii dhaabachuu akka hin dandeenyetti ABUTiin hundaa’aa turan- Preezdaant Musxafee Umar
Finfinnee, Onkololeessa 8, 2014(FBC) – Mootummooleen naannichaa darban of danda’anii dhaabachuu akka hin dandeenyetti jeneraalota garee shororkeessaa ABUT teessoo isaanii Harar taasisataniin hundaa’aa ture jedhan Preezdaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafee Umar.
Jijjiirama booda mootummaan Dooktar Abiy Ahimadiin durfamu hojmaanni kun akka jijjiiramuuf hojii guddaa hojjechuu ibsaniiru.
Kanarraa ka’uun uummanni Somaalee ofiin of bulchuurra darbee ga’een bakka bu’ummaa mootummaa federaalaa keessatti qabu eegamuufii akkasumas dhaabbata maqaa deeggaraa jedhu hambisee biyya bulchu hundeessuu isaa ibsaniiru.
Dhaabbanni waggoottan sadan biyya bulchaa ture kun qormaatilee hedduu dabarsuu ibsaniiru.
Mootummaa guutummaa guutuutti cima ta’e ijaaruuf waadaa galuu ni barbaadna jedhaniiru.
Keessumatti immoo hirmaannaa fi faayidaa dubarttootaa mirkaneessuun qaamoleen raawwachiistuu filataman qophaa’ummaa barnoota fi muuxannoo hojii isaaniitiin hawaasa tikfatee bulaa fayyaduu kan danda’an akka ta’aniif kan hojjetu ta’uu ragaan miidiyaalee naannicharraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
:-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.