Sababa hanqina roobaa mudateen rakkoof saaxilamuu jiraattonni godina Booranaa ibsan
Finfinnee, Onkololeessa 5, 2014 (FBC)- Sababa hanqina roobaa irraan kan ka’e hongee mudateen rakkoo bishaanii, nyaataa fi fayyaaf saaxilamuu jiraattonni godina Booranaa ibsaniiru.
Godinichatti roobni waqtii Arfaasaa robe ga’aa ta’uu dhabuu fi roobni birraa yeroon roobuu dhabuu isaatiin namaa fi beellada irratti balaan ga’uu hoogganaan wajjira bulchiinsa godina Booranaa obbo Roobaa Odaa ibsaniiru.
Hongee mudateen namoonni kuma dhibba 5 fi kuma 39 fi dhibbi 6 fi 79 hanqina bishaaniif kan saaxilaman ta’uu fi namoota kuma dhibba 1 fi kuma 77 fi 555f bootteen bishaan akka argatan taasifamuu ibsaniiru.
Hanqina nyaataa mudateen hanga ammaatti daa’imman kumni dhibbi 6 fi 398, dubartoonni kumni 9 fi 78 fi maanguddoonni kumni 2 fi 226 rakkoo fayyaaf saaxilamuu ibsameera.
Namoota kuma dhibba 1 fi kuma 18 fi 864f deeggarsi nyaataa taasifamuu fi namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 66 fi 136 deeggarsa dabalataa kan barbaadan ta’uu obbo Roobaan himaniiru.
Gogiinsa mudateen beelladni kumni 7 fi 540 kan du’an ta’uu fi kumni 13 fi 641 ammoo deeggarsa namaan kan socho’an ta’uu eeraniiru.
Beellada kanneen miidhaarraa baraaruuf margi beerii miiliyoona 2 fi kuma dhibba 6 fi kuma 63 fi 214 mootummaa gaafachuu ibsaniiru.
Deeggarsi mootummaanis ta’e dhaabbilee miti mootummaan taasifamu itti fufee jiratus rakkicha waliin walbira qabamee yeroo ilaalamu ga’aa waan hin taaneef qaamni dhimmi ilaallatu hundi deeggarsa akka taasisuuf waamicha dhiyeessaniiru.
Gama biraatiin manneen barnootaa 200 ol ta’an roottoowwanii fi bishaan ga’aa kan barbaadan ta’uu ibsaniiru.
Godinichatti balaan walfakkaataan bara 2009 mudatee kan ture ta’uu fi deeggarsa mootummaa , dhaabbilee miti mootummaa fi qindoomina uummataatiin furamuu yaadachiisaniiru.
Tizitaa Dassaalenyitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.