Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee Ityoophiyaa muudatan gara carraatti jijjiiruun hojii olaanaa muudamtoota haaraa ta’uu qaba- Ogeeyyii Artii fi miidiyaalee

Finfinnee, Fulbaana 3, 2014 (FBC) – Wayita ammaa rakkoolee Ityoophiyaa muudatan gara carraatti jijjiiruun hojii olaanaa muudamtoota haaraa ta’uu akka qabu ogeeyyiin aartii fi miidiyaalee ibsan.
Ityoophiyaan seenaashee keessatti kan jalqabaa jedhamee eeramuu kan danda’amu filannoo dimokiraasii fi nagaa qabeessa gaggeessuun mootummaa uummata biratti fudhatamummaa qabu hundeessuushee ibsameera.
Adeemsa mootummaa hundeessuu keessattis kana dura bifa hin baratamneen Hoggantoota Paartilee Siyaasaa Morkattootaa bakka olaanaa argachuunsaanii adeemsa jijjiiramaa Ityoophiyaan eegalte yeroo gabaabaa keessatti milkeessuuf gumaacha kan qabu ta’uus dubbataniiru.
Ministiroonni haaraa muudaman nageenyaa fi tasgabbii Ityoophiyaa haala gaariin mirkaneessuun hojiisaanii isa olaanaa ta’uu akka qabu Preezdaantiin Waldaa Hojjettoota Filmii Ityoophiyaa Artist Dassaaleny Hayiluu himaniiru.
Tokkummaa Itiyoophiyaa eegsiisuun birmadumman ishee kan kabajamee fi biyya eenyuufuu kan hin jilbeeffanne ijaaruu irrattis xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban himaniiru.
Daariktarri Olaanaa Itti aanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee obbo Yoonaataan Tasfaayee gamsaaniin, adeemsa jijjiiramaa Ityoophiyaa keessatti eegalame rakkoolee garaagaraan yoo marfame iyyuu milkaa’inni galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.