Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa dameewwan Afuriin badhaasa “Iskaaytiraak” argate
Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2014 (FBC)- Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa bara 2021tti dameewwan Afuriin badhaasa “Iskaaytiraak” argachuu ibsame.
Daandiin xiyyaarichaa badhaasa daandii Afrikaa gaarii jedhamu dabalatee walitti aansee waggoottan afuriif badhaasa kana argachuu ibsameera.
Badhaasa gaarii Afrikaa kutaa Biiznasii waggoottan walitti aanan sadiif akkasumas badhaasa gaarii Afrikaa kutaa diinagdee waggoottan walitti aanan sadiif argachuu isaa ibsameera.
Dabalataanis daandiin xiyyaarichaa akka Afrikaatti badhaasa gaarii hojjettoota balallii 2021 injifachuu isaa ibsameera.
Bara 2021tti daandiin xiyyaaraa kun filatamtummaa maamiltoota isaatiin sadarkaa addunyaatti 37ffaarratti kan argamu ta’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.