Ityoophiyaatti bara 2013 qofatti yaaliin haleellaa saayibarii kumni 2 fi dhibbi 8 ol gaggeeffamuu ibsame
Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2014 (FBC)- Ityoophiyaatti bara 2013 qofatti yaaliin haleellaa saayibarii kumni 2 fi dhibbi 8 ol dhaabbilee garaagaraarratti gaggeeffamuu isaa Daayreektarri olaanaan Ejensii nageenya Odeeffannoo Dooktar Shuumatee Gizaawu ibsaniiru.
Nageenya saayibarii beekuu fi balaa gama kanaan dhufu ittisuun itti gaafatamummaa lammii hundaa akka ta’e Dooktar Shuumateen himaniiru.
Haleellaa saayibarii irratti hubannaa ga’aan kennamee of eeggannoo barbaachisaan godhamuu yoo baate birmadummaa biyyaarratti rakkoo kan fidu ta’uu ibsaniiru.
Akka Biyya keenyaatti bara 2013 keessatti yaaliiwwan haleellaa kuma 2 fi dhibba 8 dhaabbilee garaagaraa irratti raawwachuus himaniiru.
Baatiin nageenya saayibarii sadarkaa idil addunyaatti yeroo 18ffaaf sadarkaa Ityoophiyaatti ammoo yeroo 2ffaaf kabajamaa jira.
Maddi:- TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.