Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan kabaja Alaabaa yeroo 14ffaaf Sadarkaa biyyaalessaatti sirnoota garagaraatin kabajame

Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2014 (FBC)- Guyyaan kabaja Alaabaa yeroo 14ffaaf Sadarkaa biyyaalessaatti sirnoota garagaraatin kabajameera.

Guyyaan kun Mooraa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa keessatti kabajameera.

Sirnicharrattis Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee, Af-Yaa’ii mana mariichaa Obbo Taggasaa Caafoo, abbooti amantaa, qoodaltonni mootummaa olaanoon, gootonni biyyattif seenaa hojjetan argamaniiru.

Guyyaan kabaja Alaabaa baranaa mata duree ‘Boqonnaa haaraan birmadummaa guutuun Olka’iinsa Alaabaa keenyaaf’ jedhuun kabajameera.

Haaluma wal fakkatuun guyyaan Alaabaa  magaaloota  Shaashamannee fi Dirree Dawaatti kabajameera.

Af Yaa’ii mana maree Bulchiinsa magaalaa Shaashamannee obbo Mohammad Tashitaa, Kabajni guyyaa Alaabaa Birmadummaa fi qabsoo wareegama qaalii biyyaaf kaffalame kabajuun gara boqonnaa haaraya biyyattitti waliin ce’uuf beekkamtii kennuudha jedhaniiru.

Barreeffamni seenaa fi kabaja alaabaa muldhisu qophaaye irratti Alaabaan keenyaa tokkummaa fi sabdaneessummaa keenyaaf jedhu mirkaneessuuf waliin jireenyi sabaaf sablammoota fi wal danda’uun murteessaadha jedhaniiru.

Itti aanaan kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Shaashamannee obbo Ibraahim Kadiir, barii injifannootti lammiileen biyyatti hundi dirqama lammummaa ba’uun biyya abboonni nu dhaalchisan eegnee kabajaan labata dhufuuf dabarsuu qabna jedhaniiru.

Magaalaa Dirree Dawaatti sirna kabaja guyyaa alaabaa kanarratti kantiibaan magaalichaa obbo Kadir Johaar dabalate hoggantoonni hojii mootummaa biroon argamaniiru.

Maddi:-Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Jibriil Huseentu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.