Miseensotaa fi hoggantoota Humna Eegdoota Rippaablikaaniif guddinni sadarkaa laatame
Finfinnee, Onkololeessa 1, 2014 (FBC) – Miseensotaa fi hoggantoota Humna Eegdoota Rippaablikaanii raawwii hojii gaarii galmeessanii fi yeroo tajaajilaa isaanii uwwisaniif guddinni sadarkaa laatameera.
Wareegama kaffaluun guddina sadarkaa argattaniif baga gammaddan jedhan sadarkicha kan laatan Gamtaa Raayyaa Ittisaatti Itti gaafataamaan qajeelcha humna namaa Meejar Jeneraal Haacaaluu Shallamaan.
Miseensonnii fi hoggantoonni guddina argatan dirqama itti aanuuf qophii ta’uu akka qaban hubachiisaniiru.
Injifannoo eegalame itti fufsiisuuf cimanii hojjechuu akka qabanis yaadachiisuu ragaan Ministira Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.