Miseensonni Poolisii ogummaa Maarchi Baandii, Okeestiraa fi Tiyaatiraan leenji’aa turan 128 eebifaman
Finfinnee, Fulbaana, 29 2014 (FBC)- Koomishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee miseensota Poolisii ogummaa Maarchi Baandii, Okeestraa fi Tiyaatiraan leenji’aa turan 128 eebisiise.
Koomishinichi ogummaa kanneeniin eebbisiisuun isaa yeroo jalqabaaf akka ta’e ibsameera.
Leenjichi qindoomina Koomishinii Poolisii Federaalaan kan kenname ta’uu fi miseensonni kunneen akka ogummaa isaaniitti baatiiwwan 7 hanga 14tti leenji’aa turuu ibsameera.
Sirna eebbaa kanarratti hooggantoonni olaanoo komishinichaa fi hooggantoonni olaanoo hojii mootummaa akkasumas keessummoonni waamichi taasifameef argamuu ibsameera.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.