Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa wal harkaa fuudhiinsa hojii raawwatan

Finfinnee, Fulbaana 28, 2014 (FBC)- Hundeeffama mootummaa haaraatiin Ministira Ministeera Aadaa fi Ispoortii ta’uun kan muudaman Obbo Qajeelaa Mardaasaan Ministira Ministeera Aadaa fi Turizimii duraanii Dooktar Hiruut Kaasahu irraa wal harkaa fuudhiinsa hojii raawwataniiru.

Sirna wal harkaa fuudhiinsa hojii kana irratti haala gurmaa’iinsa ministeerichaa, hojiilee hojjetamaa jiranii fi gara fuulduratti hojjetamuuf karoorfataman irratti Dooktar Hiruutiin ibsi taasifameeraafi.

Obbo Qajeelaan gama isaaniitiin ministeerichatti ramadamuu isaaniif gammadoo ta’uu fi hojii maqaa gaarii Ityoophiyaa guddisuu danda’u hooggansaa fi hojjettoota waliin ta’uun murannoon kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Hooggantoota ministeerichaan simannaa taasifameef galateeffachuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.