Fana: At a Speed of Life!

Jigjigaatti manneen barnootaa hundi hojii baruu fi barsiisuu eegalan

Finfinnee, Fulbaana 28, 2014 (FBC)-  Bulchiinsa Magaalaa Jigjigaatti manneen barnootaa hunda keessatti  hojiin baruu fi barsiisuu bara 2014  eegaluu Biiroon Barnoota Magaalaa Jigjigaa beeksise.

Hojiileen qulqullina barnootaa dabalan hojjetamuu fi qophii gahaan taasifamuu ibsameera.

Baatii Fulbaana 24, 2014 irraa eegalee manneen barnootaa magaalichaa hundi hojii baruu fi barsiisuu idilee eegaluu himameera.

Bara barnootaa kanatti qulqullina barnootaa fooyyessuuf kan hojjetan ta’uu hoogganaan Biiroo Barnoota Magaalichaa obbo Abdullaahii Ma’aaliin ibsaniiru.

Barsiisota ga’umsa qaban dabaluu fi lakkoofsa barattoota daree tokko keessatti baratanii 50 gara 40 gadi hir’isuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannoo Somaaleerraa argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.