Dhaabbileen itti fayyadama miidiyaa hawaasaa irratti of eeggannoo taasisuu qabu jedhame
Finfinnee, Fulbaana 28, 2014 (FBC)- Dhaabbileen itti fayyadama miidiyaa hawaasaa irratti of eeggannoo taasisuu akka qaban Ejensiin Tajaajila Nageenya Odeeffannoo beeksiseera.
Ityoophiyaan hojii seera kabachiisuu fi duula birmadummaan walqabatee akkasumas dhimmoota naannoo fi idil addunyaa hordofee hojjechaa jirtu danquuf diinonni ishee gama saayibariin balaa garagaraa qaqqabsiisuuf socho’aa kan jiran ta’uu himameera.
Diinonni Ityoophiyaa fi uummata ishee alaa fi keessaan karaa saayberii bu’uuraalee misoomaa fi dhaabbilee odeeffannoo irratti haleellaa raawwachuuf yaalii cimaa taasisaa kan jiran ta’uu ibsameera.
Yaaliin hedduun gaggeeffamanis kan hin milkaa’iin hafan ta’uu ejensichi ibseera.
Dhaabbilee mootummaas ta’e miti mootummaa Siiytemoota akkasumas itti fayyadamaa fi bulchiinsa miidiyaa hawaasa irratti of eeggannoo cimaa taasisuu akka qaban akeekkachiisuu isaa ragaan Ejensicha irraa argame ni mul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.